ONM-ABO Caamsaa 23, 2025
Waraanni Israa’el Kamisa kaleessaa naannoolee 14 kaaba Gaazaa keessatti argamaniif akeekkachiisa baqachuu kan kenne yop ta’u, kunis kutaalee Beet Laahiyaa fi Jabaaliyaa dabalateeti.
Raayyaan Ittisaa ibsa afaan Arabaatiin jiraattotaaf akka himetti, “dhaabbileen shororkeessitootaa sochii fi hojii isaanii itti fufanii waan jiraniif, naannoo keessanitti humna cimaadhaan hojjenna jechuun” ibsaniiru.
Roobii galgala kutaalee Kaaba Gaazaaf akeekkachiisni walfakkaataan kan ba’e yeroo waraanni IDF dhukaasa rookkeettiif deebii kennettiidha.
Israa’el guyyoota darban keessa hojii waraanaa Gaazaa keessatti ol guddiftee kan jirtu yoo ta’u, kunis dhiibbaa haaromfameen Hamaasiin balleessuuf akka ta’e dubbatti.
Ejensiin Ittisa Siivilii Naannoo sanaa akka jedhanitti, haleellaa Israa’el Kamisa kaleessaa raawwatte yoo xiqqaate namoota 19 ajjeeseera jechuun AFPn gabaaseera.

