Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Israa’el naannoolee Gaazaa 2 manneen, hospitaala fi dhaabbata UN’f akeekkachiisa baqachuu kenne

ONM-ABO Adooessa 12, 2025 

Waraanni Israa’el Jimaata kaleessaa Falasxiinonni haleellaa dura naannoolee magaalaa Gaazaa lama irraa gara dhihaatti kan namoota buqqa’an dabalatee lammiileen nagaa kumaatamaan lakkaa’aman keessa jiraatan akka baqatan akeekkachiiseera.

Ibsa waraanni Israa’el kenneen, “Jiraattota naannoo Magaalaa Gaazaa Blookii 783 fi 784 keessa jiraniif, humna guddaadhaan waan itti duulluuf, hatattamaan naannoo sana keessaa ba’aa” jedheera.

Waraanni Israa’el kaartaa naannolee xiyyeeffannoon itti kenname agarsiisu itti maxxanseera. kunis bakkeewwan siiviilii fi tajaajilaa barbaachisoo ta’an keessa jiraachuu isaanii agarsiisa.

Naannoleen lamaan Bilook 783 fi 784 jedhamuun kan beekaman hospitaala, waajjiraalee dhaabbata mirga namoomaa Falasxiin, yunivarsiitiiwwan lamaa fi bakka UN akkasumas naannoo Falasxiin baay’inaan jiraatan of keessatti qabatu.

Akka gabaasaan Anadolu tokko jedhutti naannoleen kunneen naannoo kibba Rimaal keessatti kan argaman yoo ta’u, sababa boombii Israa’el fi ajaja baqannaa kanaan dura kennameen naannoo baha Magaalaa Gaazaa fi kaaba Gaazaa irraa erga baqatanii booda buqqaatota mana barumsaa fi mooraa keessa jiraatan waliin maatii kumaatamaan lakkaa’aman, dunkaana daandii fi lafa banaa irratti dhaabbate kan haammatuudha.

Waraanni Israa’el waamicha dhukaasa dhaabuu idil-addunyaa diduudhaan, Onkoloolessa 7, 2023 irraa eegalee haleellaa gara jabinaa Gaazaa irratti raawwate, hanga ammaatti lammiilee Falasxiin gara 57,800 ta’an kan ajjeese yoo ta’u, irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman ta’uu ibsameera. Boombii boqonnaa hin qabne kun naannoo sana barbadeessee hanqina nyaataa fi dhukkuboonni akka babal’atan taasiseera jechuun gabaasaan Anaadooluun ni ibsa.

Exit mobile version