ONM-ABO Caamsaa 29, 2025
Murni Bilxiginnaa yeroo adda addaatti godinaalee fi aanaalee jiran keessatti ijaarsi gandootaa haaraan hundaa’aa jiru agarsiistuu, guddina dinagdee fi siyaasaa yeroo ammaati jedhee dubbatus, ijaarsi caasaalee gandootaa tolfamaa jirus humna waraanaa fi doorsisa kaadirootaan adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u, bu’uura irraa sodaachisaa fi saamichaan guutuun maatiilee hedduuf yaaddoo fi ittiin gidirfamuu ta’ee jira.
Yeroo itti haalli tajaajilaa murni Bilxiginnaa uummataaf kennaa jiru ga’umsa sirrii fi gurmaa’insa caasaa gandaa hin qabnetti, uummanni waraqaa eenyummeesaaa fudhachuuf qarshii gurguddaa gaafatamuu, geggeessitoota gandaan doorsifamuu, maqaa siyaasaa keessa hin jirreen gaafatamummaa lubbuu isaanii baasuu fi hidhamuun dararamuu ta’eetti marsaa hedduuf ijaarsa gandaa jedhanii nu gidirsaa jiru kan jedhan jiraattonni godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu rakkoo Bilxiginnaan raawwachaa jiruufis gara itti baqannu wallaalle jechuun haala keessa jiran dubbatu.
Irra deddeebiin qarshii hedduus akka kaffalaa jiran kan himan jiraattonni kun, Caamsaa 26, 2025 ammoo bifa jijjiiratanii sodaachisa taassisuun maallaqa guuraa kan jiraniin cinatti kaffaltii milishaa jedhaniis qarshii dhibba afur guuraa akka jiran itti dabaluun himaniiru.

