Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gaazaa keessatti dhukaasa Israa’eliin namootni 10 kan yoo du’an, naannoo gargaarsaatti namootni 100 ol madaa’uu baraartotni himan

Namoonni Gaazaa keessatti hojii baraarsaa hojjetan akka jedhanitti, dhukaasni Israa’el yoo xiqqaate Falasxiinota 10 kan ajjeese yoo ta’u, Dilbata har’aa ganama ammoo 100 ol  madaa’uu ibsan. Kunis yeroo namoonni kumaatamaan lakkaa’aman gara bakka gargaarsa namoomaa Ameerikaan deggarameetti qajeeluunitti ta’uu dubbi himaan ittisa siiviilii Mahmud Baazal AFP’tti himeera.

Gama biraan Hamaas kaleessa  yaada dhukaasa dhaabuu Doonaald Tiraamp karaa ergamaa isaanii anbaha jiddugaleessaa Isteev Witkoof gidduu galeessotaaf dhiyeessanii deebii akka kenne ibsuun, waraana xumuruu kan kanaan dura Israa’eliif sarara diimaa ture akka xumuramuuf gaafachuu dabalatee akka geggeeffamu fedhii isaa   ibseera.

Gareen Falasxiin ibsa baaseen akka jedhetti, Israa’el hidhamtoota Falasxiinotaa hedduu akka gadhiiftutti, yaada Wiitkoof waliin walsimuun, booji’amtoota lubbuu jiran kudhan fi reeffa namoota 18 akka kennu ibseera.

Exit mobile version