Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaatti jaleewwan sirnichaa hawaasa nagaa hidhaatti darbachuu hammeessan

ONM-ABO Waxabajjii 2, 2025 

Afaaniin nagaa labsaa faallaa isaa ammoo hawaasa meesha maleeyyii irratti gochoota farra namoomaa garaa garaa raawwachaa kan jiru murni shiftaan koloneel Abiy Ahimediin hoogganamu Bilxiginnaan, kutaalee impaayerattii cufa keessaa sabboontota ilmaan Oromoo adamsee jumlaan hidhuu, ajjeesuu fi saamuu cimsee itti fufee jira.

Haaluma kanaanis Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Lalisaa Bareedaa jedhamu keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa kanneen garaa isaanii qofaaf jiraatan Caamsaa 28, 2025 nama maqaan isaa Sheek Jamaal Aliyyii jedhamu badii tokko malee mana isaatii qabuun hidhaattii darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namni kun siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa sobaa “Waraana Bilisummaa Oromoo deggerta” jedhu itti maxxansuun kan hidhan ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version