Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baalee Lixaa Aanaa Sinaanaatti tiksitoonni impaayerattii maqaa ijaarsa waajjiraalee jedhuun hawaasa saamaa jiraachuun himame 

ONM-ABO Waxabajjii 3, 2025 

Caamsaa 18, 2025 irraa eegaluun ergamtoonni sirnichaa godina Baalee Lixaa aanaa Sinaanaa gandoota cufa keessatti maqaa ijaarsa waajjiraalee gandaa fi kanneen biroo sababeeffachuun hawaasa gandichaa irraa qarshii 8000-10,000 afaan qawween dirqisiisanii saamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

Akka jiraattonni gandichaa dubbisne ONM’f eeranitti namoota harka qalleeyyii maallaqa gaafataman kaffaluu dadhaban irratti hidhaa jumlaa fi dararaa adda addaa irratti raawwachuun cinatti mana hidhaa keessatti reebicha ulfaataa irratti raawwachaa jiraachuus jiraattonni dabaluun ifoomsanii jiru.

Aanicha keessatti dararaan murna kanaan hawaasa aanichaa irratti taasifamu hammaachuu fi yeroo garaa garaatti maqaa gibira, buusaa gonofaa, ijaarsa waajjiraalee, daandii geejjibaa fi kkf dawoo godhachuun uummata ofiifuu qaala’iinsa jireenyaa waliin wal’aansoo wal qabaa jiraatu irratti saamichi jabaachuu irraan kan ka’e hawaasni waan kaffalanis fixachuun yaaddoo ulfaataa keessa jiraachuu miira gaddaan dubbatu.

Exit mobile version