ONM-ABO Waxabajjii 4, 2025
Arsii Bahaa aanaa Suudee gandoota cufa keessatti jaleewwan Bilxiginnaa “deggersa poolisiitiif” jechuun irra deebiidhaan jiraattota irraa qarshii 300 dirqamaan funaanaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, Waxabajjii 1, 2025 hawaasa guutummaa gandoota irratti waltajjii erga baasanii booda, “dirqama ijoollee keessan gara leenjii waraanaatti erguu qabdu” akkasumas, manneen jireenyaa keessanis “diigaatii osoo wal irraa hin fageessin toora tokkoon ijaaraa” jechuun akeekkachiisanii kan jiran ta’uu itti dabaluun himaniiru.
Koloneel Abiy Ahimed mormitoota humnaan ukkaamsuudhaan, aangoo isaa sodaachisee dheeressuuf fi faayidaa dhuunfaa isaa irratti bobba’ee nagaa fi tasgabbii hawaasaa waraana isaa itti bobbaasee goolaa jiraachuun ni beekama.

