Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kaaba Shaggar Aanaa Kuyyuutti jiraattonni loltoota faashistii PP’n hidhamuun saamichi irratti raawwachaa jiraachuun himame

ONM-ABO Waxabajjii 9, 2025 

Godina Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Dhaayee Willincoo iddoo addaa Qeeroo jedhamutti Waxabajjii 5, 2025 shiftoonni koloneel Abiy Ahimed hawaasa irratti hidhaa fi saamicha raawwachuu jiraattonni ONM’f ifoomsaniiru.

Haaluma kanaanis:

  1. Obbo Taayyee Tolasaa fi 
  2. Shaambal Taayyee abbaa fi ilma kan ta’an hidhanii qotiyyoo 2 jalaa kan ooffatan oggaa ta’u, 
  3. Obbo Magarsaa Tulluu jalaa harree 1 akka ooffatan jiraattonni itti dabaluun himaniiru.

Akkuma onichaatti sarbamiinsi mirga namoomaa uummata gandoota baadiyyaa fi magaalaa irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, yakkoota hidhaa, gubaatii manneenii, saamichi daangaa darbee fi ajjeechaan guyyuu raawwatamaa jiru egeree jiraattotaaf yaaddessaa ta’uus itti dabaluun himaniiru.

Exit mobile version