Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Loltoota faashistii PP’n Godina Baha Wallaggaa Aanaa Gobbuu Sayyootti qonnaan bulaan tokko hidhaatti yoo darbatamu, Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Boojji Coqorsaatti saamichi raawwatame

ONM-ABO Waxabajjii 9, 2025 

Aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Gambeela jedhamu irraa Waxabajjii 5, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Gulummaa Namoomsaa jedhamu waraanni goolessaan PP ukkaamsuun hidhaatti darbachuu jiraattonni ONM’tti himan.

Akka maddeen himanitti, jaleewwan sirnichaa “garee geggeessi ykn milishaa taata hoggaa ittiin jedhan “lakki  qaamolee isin keessatti hirmaadhu jettan kana keessatti hirmaachuuf ani fedhii hin qabu, ijoollee koon guddifadha” waan ittiin jedhe qofaaf, “akkamitti akkas nuun jetta? nuti ijoollee hin qabnuu?” jechuun ukkaamsanii mana hidhaa gandichaatti akka darbatan dubbatu.

Oduu biraatiin ammoo godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Coqorsaa ganda Calliyaa Molee jedhamu irraa loltoonni impaayerattii torban tokko dura nama maqaan isaa Haayilee jedhamu dukkaana isaa cabsanii seenuun meeshaalee dukkaana sana keessa jiru hunda saamanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’f addeessanii jiru.

Lukkeeleen Bilxiginnaa kunneen kanaan duras, madaala midhaanii jalaa fudhachuu kan himan jiraattonni, amma immoo “Waraana Bilisummaa Oromoo’tu asii nyaata” jedhanii meeshaalee qarshii 50,000 olitti tilmaamu jalaa saamanii deemuu dubbatu.

Exit mobile version