ONM-ABO Waxabajji 10, 2025
Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Shuubii Gamoo bakka addaa Mixinee jedhamu keessatti waraanni goolessaan sirnichaa Waxabajjii 9, 2025 yakka tokko malee dargaggoo maqaan isaa Butaa Boruu jedhamu rasaasa itti roobsanii ajjeesanii deemuu jiraattonni ONM’tti himan.
Kana malees gandichuma keessaa maqaa hidhata WBO qabdu jedhu itti maxxansuun Waxabajiii 6, 2025 jaleewwan sirnichaa maqaa isaan hin ibsineen uummata nagaa jumlaan qabanii mana hiraarsaa galchuun dararaa addaa addaa irratti raawwachaa jiru.
Namoota murna badii kanaan qabamuun gidirfamaa jiran keessaa muraasni maqaa arganne:
- Obbo Fayizoo Jaatanii maanguddoo ganna 60,
- Roobaa Butaa,
- Gadaa Burqaa,
- Beenyaa Nabii,
- Aadde Raadee Fungee hadhaa ilmaanii,
- Aadde Qacinii Dagaagaa haadha ilmaan 8 nama umurii 65,
- Duumessaa Hee’ii,
- Shantamoo Idoo,
- Simalee Raagoo fi
- Jimmaa Simalee kanneen jedhaman ta’uun ibsameera.
Lubbuu ilmaan Oromoo akka baala mukaatti harcaasaa kan oolanii fi jiruuf jireenya lammiilee nagaa barbadeessaa kan oolan gara jabeeyyiin loltoota maafiyaa PP diinummaa isaanii daran uummata irratti jabeessuun guyyuu haala nama gaddisiisuun taatee farra dhala namaa irratti geggeessaa oolu.

