Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Bulchiinsi Doonald Traamp godaantota waraqaa eenyummaa hin qabne hanga 9,000 ta’an gara Guwaantaanaamoo Bey erguuf karoorfate

ONM-ABO Waxabajji 11, 2025 

Bulchiinsi Traamp torban kana keessa godaantota waraqaa eenyummaa hin qabne hanga 9,000 ta’an gara bakka tursiisa Ameerikaa Guwaantanaamoo Bey, Kuubaatti erguuf karoorfachuu isaa Waashington Poost fi Politikoon Kibxata gabaaseera.

Qondaaltonni akka himanitti, lammiileen biyya alaa gara dhaabbatichaatti ergamuuf ilaalamaa jiran godaantoota Beeljiyeem, Biritaaniyaa, Faransaay, Jarman, Heeyitii, Ayerlaand, Lituwaaniyaa, Nezerlaand, Poolaandi, Turkii fi Yukireen irraa dhufan dabalata.

Amajjii irraa eegalee Ameerikaan Guwaantaanaamoo keessatti tilmaamaan namoota 500 ta’an kan tursiiste yoo ta’u, maddeen beekumsa jijjiirraa kanaa akka jedhanitti, namoonni 9,000 ta’aniif qorannoo yaalaaf qophaa’aa jira, kunis fayyaa ta’uu isaanii murteessuuf jedhan.

Seenaa gaarii hin kan qabne Guwaantaanaamoo Bey haleellaa shororkeessummaa Guraandhala 11, 2001 Ameerikaa irratti raawwatame booda kan jalqabe yoo ta’u, shororkeessitoonni baay’inaan shakkaman erga waraana Ameerikaan booji’amaniin  booda ergamu.

Prezidaant Doonaald Traamp, bakka tursiisaa fayyadamuun godaantoota waraqaa eenyummaa hin qabne dabarsuudhaaf karoorfachuu isaanii baatii Amajjii keessa beeksisaniiru. Jijjiirraan kun kana Roobii jalqabuu danda’a.

Itti aanaan hogganaa Waayit Haawus Isteefan Miilar ji’a darbe Fox News’tti akka himanitti, “hoggansa Pirezidaanti Tiraampiin yoo xiqqaate godaantota seeraa alaa 3,000 guyya guyyaatti to’annoo jala oolchuuf galma kaa’uu ibsuun, bulchiinsi kun lakkoofsa sana dabaluuf karoorfachuuf jiras jedhan.

Exit mobile version