Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Zuwaay Dugdaatti dargaggoonni lama hidhaa irraa baafamuun ajjeefamuu fi dararaan jabaachuu jiraattonni himan

ONM-ABO Waxabajjii 12, 2025 

Murni Bilxiginnaa Itiyoopiyaa keessatti hidhamtoonni siyaasaa hanqina nyaataa akka isaan mudatu gochuu, uffannaan mana hidhaa keessa akka hin seenne dhorkuu, bakka jireenyaa fi kunuunsa fayyaa gahaa akka argatan mirkaneessuu dhabuu, akkasumas hidhamtoota hidhaa irraa baasee ajjeesuu cimsee itti fufeera.

Haaluma kanaanis torban tokko dura godina Arsii Bahaa aanaa Zuwaay Dugdaa magaalaa Ogolchoo irraa hidhamtoonni siyaasaa lama mana hidhaa irraa baafamuun ajjeefamanii gatamuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Hidhamtoonni siyaasaa kunneen gandoota baadiyyaa irraa qabamuun hidhaa keessaa baafamuun kan ajjeefaman yoo ta’u, namootni kunneen baadiyyaa irraa waan dhufaniif maqaan isaanii yeroof adda bahee akka hin jirres dabaluun jiraattonni dubbattaniiru.

Gochaawwan saamichaa, gubaatiin manneenii, hidhaa fi ajjeechaan onicha keessatti guyyuu raawwachaa jiru daran jabaatee kan jiru yoo ta’u, namoonni hedduun shakkii hidhata WBO qabdu jedhuun gandoota baadiyyaa irraa guuramanii baatiilee hanga waggatti gaaffii seeraa tokko malee dararamaa akka jiranis itti dabaluun ifoomsaniiru.

Exit mobile version