Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Deeggaatti doorsisni fi saamichi ergamtoota Bilxiginnaan hammaachuun ifoome 

ONM-ABO Waxabajjii 14, 2025 

Murni Bilxiginnaa mormii fi dhibdee siyaasaa impaayerattii da’eeffachuun hojiiwwan saamichaa, doorsisa, hidhaa fi dararaa adda addaaa raawwachuu irratti fuulleffatee miidhaa qaqqabsiisaa jiru guutuu Oromiyaatti cimsee itti fufeera.

Haaluma kanaanis godina  Buunnoo Beddellee aanaa Deeggaatti maqaa sochiin Waraana Bilisummaa Oromoo jabaatee jira jedhuun humnoonni milishaa, poolisii fi waraanaa qe’ee hawaasaa keessa socho’uun doorsisa, hidhaa fi saamicha raawwachaa akka jiran jiraattonni kan himan oggaa ta’u, keessattuu ganda Harawweetti jiraattonni  nyaata, buna dhugamu dhiyeessuu diddan akkasumas uffannaa paartii Badhaadhinaa aasxaa fi mallattoo paartii keenyaa of irraa qabu uffachuu diddan jechuun hidhaa akka jirantu himama.

Irra jireessaan dargaggoota irratti fuulleffatanii hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, kanneen hidhanis maallaqa gaafachuun hidhaa irraa hiikaa jiraachuu fi maatii nyaataa fi dhugaatii waraana isaaniif dhiyeessuu dadhabanis saamaa jiraachuu dubbatu.

Namoota hidhamuun qarshii kaffalan keessaa kan maqaan nu ga’e:

  1. Magarsaa Biraanuu,
  2. Faqqadaa Hambaa,
  3. Galataa Tasammaa fi 

kanneen biroo irraa qarshii dhibba shan- shan tokkoon tokkoon isaanii irraa akka fudhatan jiraattonni ONM’f ifoomsaniiru.

Exit mobile version