ONM-ABO Waxabajjii 15, 2025
Mallattoon dhukkuba busaa yeroo baayyee erga bookee busaan ciniinamteen booda guyyoota 10-15 keessatti jalqaba. Mallattoon kun namoota tokko tokkoof salphaa ta’uu danda’a, keessumaa warra kanaan dura dhukkuba busaan qabamanii turaniif jechuun himu ogeessonni fayyaa.
Dhibeen kunis keessattuu daa’imman waggaa 5 gadii, dubartoota ulfaa, imaltootaa fi namoota HIV/AIDS qaban balaa guddaadhaaf kan saaxilu yoo ta’u, biyyoonni gaafatamummaa sabaa qaban hedduun yeroo yeroon talaallii fayyaa kan kennan ta’us, impaayerri Itiyoophiyaa garuu tajaajila hawaasaa kennuu irra buufata fayyaas cufuu fi ogeessota fayyaa doorsisuun bu’aa siyaasaaf waan oolfattuuf rakkoon hawaasaa maal na dhibdee PP’n akka malee mul’achaa jira.
Bifuma kanaanis Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa gandoota baadiyyaa Shuraa, Tuwaambii fi Dichoo jedhaman keessatti babal’achuu dhibee busaatiin daa’imman umuriin isaanii 2 – 3 fi maanguddoon tokko Waxabajjii 11, 2025 lubbuun isaanii darbuu jiraattonni ONM’f eeraniiru.
Mallattoowwan ciccimoon kanneen akka:
dadhabbii garmalee namatti dhagahamuu,
- dammaqina qaamaa hir’achuu,
- dachaa dachaa raafamuu,
- afuura baafachuun rakkachuu,
- fincaan dhiigaan guutame finca’uu fi
kanneen hafan biroon irratti kan mul’atu yoo ta’u, namoonni mallattoolee ciccimoo kana qaban battalumatti kunuunsa hatattamaa argachuu silaa kan qaban yaala fayyaa dhabuun lubbuun isaanii darbaa jira.

