Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni goolessaan PP Lixa Wallaggaa Aanaa Begiitti namoota lama rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatan

ONM-ABO Waxabajjii 16, 2025 

Sirna dhableeyyiin ergamtoota murna Bilxiginnaa aanaa Begii ganda Laaloo Nooruu bakka addaa Mootee jedhamu keessatti Waxabajjii 14, 2025 halkan keessaa toora sa’a 3:00’tti abbaa ilmaan lamaa kan ta’e nama maqaan isaa Obbo Naasir Qalbeessaa jedhamu maqaa hariiroo WBO qabda jedhuun mana isaatii gad baasanii rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuun ibsameera.

Kana malees aanichuma ganda Tobbii Daallee Maaxootti ammoo maqaa ilma keessantu WBO keessa jira jedhuun nama maqaan isaa Obbo Abdurhamaan Adam jedhamu Waxabajjii 15, 2025 ganama toora sa’a 3:00’tti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu jiraattonni ONM’tti himan.

Akka jiraattonni onichaa ONM’f eeranitti, namoonni kunneen namoota nagaa hojii qonnaan ilmaan isaanii jiraachifatan malee tuttuqaa siyaasaa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu eeruun, murni cubbamaan dhiiga ilmaan Oromoo bineensa sooruu adeeffate, Oromummaa isaanii qofaaf rasaasaan waadanii ajjeesuun ilmaan isaanii bakkeetti hambisuu dabaluun ifoomsanii jiru.

Exit mobile version