ONM-ABO Waxabajjii 17, 2025
Dabaa fi cubbuun impaayerattiin waggoottan hedduuf uummata Oromoo fi saboota cunqurfamoo impaayerattii keessa jiraatan irratti hojjachaa jirtu keessoo miseensota waraana isaaniitti waldhabdee cimaa uumuun, keessattuu kanneen sabaan Oromoo ta’an irratti xiyyeefachuun guyyaa guyyaan wal ajjeessuu fi wal harcaasuun baay’atee jira.
Haaluma kanaan Waxabajii 12, 2025 Baha Shaggar aanaa Liiban Cuqqaalaa keessatti hoogganaan farra riphee lolaa, dhalataa ganda Muummee Kosooroo kan ta’e nama maqaan isaa Arabuu Qajeelaa jedhamu qondaaltonni waraana murna PP sababa hojii dabaa isaan uummata irratti hojjatan mormeef, ganda Warra Jaarsaa bakka Ashuffee jedhamtutti rasaasa itti roobsuun ajjeessanii gatuu maddeen ONM’tti himaniiru.
Akka maddeen jedhanitti “Taateewwan akkanaa iddoowwan hedduutti raawwatamaa akka jiru ibsuun, impaayerattiin diigamuuf adeemaa waan jirtuuf ilmaan Oromoo eenyummaa keessan baraatii eenyuuf akka lolaa jirtan, eenyuun akka lolaa jirtanii fi haqni sabaa eessa akka jiru hubadhaatii hatattamaan keessaa bahuun of baraaraa jechuun kan dhaaman maddeen keessoo murna PP odeessicha nuuf qoodaniidha.
Torbee as dhiyoo kana waraanni faashistii PP mooraa keessaa ganuu fi walitti dhukaasaa kan jiran yoo ta’u, hoogganni waraanaa Biraanuu Juulaa garuu WBO %90 balleessineerra, waraanni keenya shiftaa eeguuf dirqama hin qabu jechuun injifannoo sobaan dhaadatus mooraan isaanii garuu nagaa dhabee harca’aa jira.

