Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaatti hidhaa, gubaatiin manneenii fi dararaan ergamtoota Bilxiginnaan uummata Oromoo irratti jabaachuun ibsame 

ONM-ABO Waxabajjii 19, 2025 

Waraanni impaayerattii Oromiyaa dirree jeequmsaa taasisuuf halkanii fi guyyaa dhama’aa oolan, namoota badii isaanii malee hidhuu, qabeenyaa isaanii saamuu, mana irratti gubuu fi ajjeesuu irratti fuulleffatanii kan jiran oggaa ta’u, maqaa sakattaa WBO’n guyyuu qe’ee uummataa keessa socho’uun gaaga’ama hamaa qaqqabsiisaa jiru.

Haaluma kanaanis Waxabajjii 14, 2025 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Shuubii Gamoo keessaa maqaa hidhata WBO qabdu jedhuun: 

  1. Barsiisaa Gadaa Jimaa fi 
  2. Obbo Simaa Tuchii qabuun waajjira poolisii magaalaa Maqiitti hidhanii kan jiran yoo ta’u, 
  3. Obbo Shuulii Irreessoo kan jedhamu ammoo 

maqaa ilma keetu miseensa WBO’ti jedhuun mana jireenyaa isaa qabeenyaa guutuu waliin gubanii barbadeessuun ifoomeera.

Hidhamtoonni kunneenis yeroo ammaa hidhaa irraa akka hiikamaniif qarshii gurguddaa gaafatamaa kan jiran yoo ta’u, kanneen maallaqa kaffalan dhaban danuun baatiilee hanga waggaatti osoo mana murtiitti hin dhiyaatin gidirfamaa jiraachuu fi maatiin qabsaa’otaa danuunis manneen jalaa gubachuu akkasumas gariin ammoo godaansifamaa akka jiran dabaluun himaniiru.

Exit mobile version