ONM-ABO Waxabajjii 20, 2025
Miidhaan waraanni biyya tokko irraan ga’u bal’aa fi roga hedduu kan qabu yoo ta’u, bu’uuraalee misoomaa mancaasuu, lubbuu ol-adeemtotaa balleessuu akkasumas, rakkoowwan abdii kutannaan dhufan miidhaa xiinsammuu fi kanneen biroo irraan kan ga’u yoo ta’u, impaayerattii keessattis dargaggoonni hedduun fedhii isaaniin ala dirree leenjiitti ergamuun miidhaa waraanni geessisaa jiruun cinatti lubbuu dhabaa kan jiran oggaa ta’u, badii waraanaa kana kanneen hubatan mooraa cubbamaa sirnichaa balfuun WBO’tti makamaa jiru.
Haaluma kanaanis Waxabajjii 17, 2025 miseensi raayyaa ittisa impaayerattii kan sabaan Oromoo ta’e tokko godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abaaboo Guduruu mooraa Qarree Waatiyoo irraa meeshaa waraanaa qabachuun WBO’tti makamuu gabaasni WBO onicha irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni ifoomsa.
Loltuun PP duraanii kun:
- qawwee AKM 1,
- rasaasa 90 fi
- boombii 2 qabachuun
mooraa cubbamaa sirnichaa keessaa bahuun kan dhufe yoo ta’u, simannaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo isaaf taasiseefittis hedduu gammaduun hiriyyoota isaa kanneen mooraa diinaa keessatti hafuun ergama jal’inaa mataa finxaaleeyyii koloneel Abiy Ahimed irraa fudhachuun saba isaanii miidhaa jiraniin diinaaf ergamuu dhiisaatii gaachanaa fi wabii uummata Oromoo WBO’tti makamaa jechuun dhaamsa isaa dabarfateera.

