Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruutti miseensi Raayyaa Ittisa impaayerattii tokko Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennate

ONM-ABO Adoolessa 25, 2025 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu magaalaa Kombolchaa irraa waraana impaayerattii tiksuuf bobboofaman keessaa miseensi raayyaa ittisa impaayerattii tokko “gochaa suukkaneessaa hawaasa koo irratti hin raawwadhu” jechuun loltuu PP biraa tokkotti rasaasa roobsuun miliqee Waraana Bilisummaa Oromoo bakkicha keessa socho’utti harka kennachuun isaa beekamee jira.

Akka miseensi waraana Billxiginnaa kun jedhutti, Bilxiginnaan mooraa isaa keessatti yeroo adda addaatti loltoota isaa ija shakkiin ilaaluun hidhuu, reebuu, ajjeesuu fi achi buutee dhabamsiisuu itti fufee dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuu fi dararaa ilmaan Oromoo irratti raawwatamu mufachuun kan harka kennatan ta’uu dubbata. 

Innis, hoggaa Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatu, qawwee: 

qabachuun Waraana Bilisummaa Oromoo bakkicha keessa socho’u bira qaqqabuu isaa gabaasni Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni ifoomsa. 

Loltuu sirnichaa kan ture kun, kunuunsa Waraanni Bilisummaa Oromoo isaaf taasisetti garmalee gammaduun, loltoonni sirnicha utubuuf halkaniif guyyaa ifaajaa jiran, qawwee fi hidhannoo isaanii fiduun gara Waraana Bilisummaa Oromootti dhufanii akka harka kennatan dhaameefii jira.

Exit mobile version