ONM-ABO Sadaasa 9, 2024
Sirni dulloomaan kufuuf duufee jiru, dhiigaa fi lafee ilmaan Oromoo lolaasuun aangoo irra bubbuluuf guyyuu dhama’u, dirqii fi goyyomsaan ol adeemtota gara mooraa leenjii waraanaatti guuree qoraan ibiddaaf qophaa’e taasisaa kan jiru yoo ta’u, kanneen carraa argatanii fi gochi moorichaa dabaan guutuu isaa hubatan keessaa miliquun WBO’tti Harka kennachaa jiru.
Haaluma kanaan Godina Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu irraa hammeenya sirnichi uummata Oromoo irratti dalagaa jirutti dammaquun waraanni Bilxiginnaa tajaajilaa ture tokko hidhannoo guutuu waliin gara mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti Sadaasa 8, 2024 Qawwee AKM 1, hidhannoo, rasaasa 200 fi Boombii F1 2 waliin gara mooraa qabsoo WBO’tti dabalameera.
Akka miseensi loltuu Bilxiginnaa duraanii yaada isaa ONM’f kennuun ibsetti dura utuu hin hubatin diinaaf ergamtuu ta’uun lubbuu uummata koo harcaasaa turuutti gaabbeera jechuun kanneen akka isaa duraaniitti Bilxiginnaa tajaajilaa jiraniin mooraa diinaa keessa ta’anii diinaaf hojjechuun uummata isaaniitti jireenya hadheessaniin Oromiyaan isin eegdi gara qabsoo uummataatti dabalamaa gabrummaatti gudunfaa taasisnaa jechuun dhaamsa isaa dabarseefii jira.

