ONM-ABO Waxabajjii 22, 2025
Aanaa Baatee ganda Malkaa Luugoo Araddaa Iidaa irraa Kamisa Waxabajjii 19, 2025 hidhattootni murna Bilxiginnaa maqaa sakkattaa WBO’n hawaasa nagaa goolaa oolan, qonnaan bulaa maqaan isaa:
- Adam Abduu Aliyyee jedhamuu fi
- barataa Moommad Sayyoo Alii
jedhamu sobaan yakkanii maqaa “WBO deggartu” jedhuun qabanii garmalee reebuun magaalaa Baatee Waajjira Poolisiitti hidhanii dararaa jiraachuu jiraattotni onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Aanaa Baateetti tibbana irra deddeebiin dhiittaan mirgoota namoomaa daangaa darbe, kan jiraattotatti yaaddoo guddaa uumuun dhimma jiraachuu fi dhiisuu keessa galche, shiftoota Koloneel Abiy Ahimed maqaa nageenya kabachiisu jedhuun bobbaaseen guyyuu raawwatamaa akka jiru, odeessi onicha irraa ONM dhaqqabe ni addeessa.
Bara bulchiinsa hogganaa Bilxiginnaa Koloneel Abiy Ahimed keessa Oromoo ta’anii dhalachuun qofti yakka ta’uun,ilmaan Oromoo qonnaan bulaa, daldalaa hanga doctoraa, barsiisaa fi barataa osoo hin hafne badii tokko malee qabamuun hireen isaanii manneen hidhaa Impaayeerattii erga taasifamee bubbuleera.

