ONM-ABO Adoolessa 8, 2025
Sirni nama nyaataan PP kutaalee Oromiyaa hunda keessatti qaawwaa dinagdee isaanii guuttachuuf jecha maqaa garaa garaa moggaafachuun saamicha hawaasa irratti geggeessanis saamicha raawwatan kana waliif qooduu irratti wal dhabuun akkasumas, qaama siyaasaa biroo waliin hidhata qabda maqaa jedhuun wal shakiin mana hidhaatti wal guuruu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan Arsii Bahaa aanaa Muuneessaa gandoota garaa garaa keessaa kaabinoonni PP mana hidhaatti wal guuraa jiraniin doorsisni fi raafamni isaan gidduutti geggeeffamaa jiraachuun barameera.
Kaabinoota hidhaman keessaa kanneen maqaan nu gahe muraasni:
- Ganda Qoomaa Oochaa irraa bulchaa gandaa kan ture Habibi Faajjo,
- Ganda Daamuu irraa bulchaa kan ture Aabbayi Hajjii,
- Ganda Qarsaa Aannoo irraa bulchaa kan ture Huseen Gammadii,
- Ganda Caffaa irraa bulchiinsaa fi nageenya kan ture Huseen Bakaruu,
- Ganda Shuunee irraa bulchaa gandaa kan ture Gammachuu Ushaa,
- Ganda Adaree Golbaa irraa bulchaa kan ture Maammush Boonsoo kanneen jedhamanii fi
kanneen maqaan nu hin geenye hedduu mana hidhaatti guuranii jiraachuu maddeen dabaluun ifoomsanii jiru.
Namoonni kunneen caasaa aanaa waliin walii galuun saamicha hawaasicha irratti gaggeessaa turan ofii isaaniitiif oolfatanii mana ittiin ijaarachaa kan turan yoo ta’u, haala kanaan wal irratti ka’anii mana hidhaatti wal guuruun isaanii kun yeroo fedhii walii eegan qofa wal faana jiraachuu danda’u malee seeraa fi sirni isaan irratti waliif galanii wal faana hojjetan sirnicha keessaa dhabamee jiraachuu nutti mul’isa jechuun maddeen dabalataan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.

