ONM-ABO Adoolessa 13, 2025
Adooleessa 3, 2025 irraa kaasee godina Gujii Lixaa aanaa Surroo Barguddaa ganda Woleenaa Bokossaa keessatti, maqaa deggaraa Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuu fi maatii qabsaa’otaati jedhuun uummata nagaa hidhaatti guuraa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Akka maddeen jedhanitti namoonni hidhaman kunneen hojii dhuunfaa isaanii irratti bobbaa’anii kan jiraatan yoo ta’u, guyyoota hedduu erga dararaniin booda kaabinoonni Bilxiginnaa yoo maallaqa kennitan hidhaa irraa isin baafna jechuun kaabinoonni maqaan isaanii:
- Nugusee Wottichaa
- Hoxxeessa Diidoo
- Boruu Biluu
jedhaman uummata sobuun qarshii 20,000 tokkoon tokkoon isaanii irraa erga guurrataniin booda Adooleessa 10, 2025 ammoo “maqaa seelii Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun gara waajjira Poolisii aanaa Surroo Barguddaatti fuudhanii geessuun hidhanii jiraachuu itti dabaluun ONM’tti himan.
Namoota hidhaman kanneen keessaa muraasni maqaan nu dhaqqabe:
- Damboobii Godaanaa,
- Ruuda Godaanaa,
- Abraahim Godaanaa,
- Wandimmuu Damboobii,
- Qaalloo Arbaa,
- Caaltuu Magaadaa,
- Guddataa Hindheensaa,
- Haadha Jilee,
- Haadha Bilisee fi
- Nuunnisee Duubee
kanneen jedhaman waajjira Poolisii aanaa Surroo Barguddaatti hidhamanii jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf eeranii jiru.

