Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba Lixa Yaman keessatti dhohinsa mudateen yoo xiqqaate daa’imman shan du’an

ONM-ABO Adoolessa 13, 2025 

Kibba Lixa Yaman keessatti yoo xiqqaate daa’imman shan naannoo mana jireenyaa kubbaa miilaa taphachaa turanitti meeshaan dhoo’aa dhoo’ee du’uu gareewwan mirga falmanii fi namoonni ijaan argan himan.

Haalli taatee Jimaata galgala bulchiinsa Tayiz kutaa xiqqaa al-Hashmaa keessatti mudate ammallee ifa miti.   

Haa ta’u malee, Sanbata kaleessaa Giddu-galli Mirgoota Namoomaa Yaman fi gareen mirga namoomaa TV Al Masiraha kan Huutiin to’atamu waliin ta’uun, milishoota paartii Islaah kan mootummaa sadarkaa addunyaatti beekamtii qabuu fi kibba Yaman waliin michuu ta’een deggaramuun dhukaasa meeshaa waraanaa dhukaase jedhan.

Jiraattonni naannoo sanaa lama kanneen ragaa ta’an, Ahmed al-Sharee fi Kaaled al-Areki, dhaabbata oduu The Associated Press’tti akka himanitti, yeroo dhohinsi kun mudatu ijoolleen kubbaa miilaa taphachaa turan.

Yoo xiqqaate namoonni sadii miidhaan salphaa hanga giddu galeessaa irra gahes gara hospitaalaatti geeffamaniiru jedhu namoonni ijaan argan. Gama biraatiin ammoo ragaan biraa Mahmuud al-Mansiin akka jedhanitti, dhoo’aan kun naannoo humnoonni paartii Islaah waliin michuu ta’an argaman irraa kan qajeelfamee ta’uu ibsaniiru.

Dubbi himaan dhaabbata daa’immanii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, UNICEF, The Associated Press’tti akka himetti, gabaasa waa’ee taatee kanaa beekus garuu yeroo ammaa dhugaa jiru mirkaneessuu hin dandeenye jechuun Aljezeeraan gabaaseera.

Exit mobile version