ONM-ABO Adoolessa 20, 2025
Israa’el keessatti Ambaasaaddarri Yunaayitid Isteets Maayik Hakaabee, haleellaa waldaa amantaa kiriistaanaa Falasxiin West Baankii dhuunfatame irratti qubattoota Israa’eliin raawwatame, “gocha shororkeessummaa” jechuun, seeratti akka dhiyaatan gaafataniiru.
Hukabeen magaalaa Kiristaanaa Taaybee daawwachuun kan himan yoo ta’u, qubaattonni Israa’el naannoo bakka awwaalchaa fi bataskaana jaarraa 5ffaa kaasee ture Adoolessa 8 itti dhukaasan jechuun lubootni Hukaabeetti himan.
“Gocha shororkeessummaati, yakkas ta’a,” jechuun Hukabeen ibsa kenneen, “Warri Taaybee keessatti – ykn bakka kamittuu gocha shororkeessummaa fi jeequmsaa raawwatan argamuu fi seeratti dhiyaachuu qabu. ceepha’amuu qofa miti, sun gahaa miti” jedhan ambasaaddarri kun.
Mootummaan Israa’el taatee kana ilaalchisee yaada hin kennine, garuu kanaan dura gocha akkanaa balaaleffateera.
Kibxata darbe Hukaabeen ajjeechaa lammii Ameerikaa gosa Falasxiin West Baankii keessatti qubattootaan reebame “ciminaan akka qorattu” Israa’el gaafachuu isaanii ibsuun, haaluma walfakkaatuun “gocha yakkaa fi shororkeessummaa” jechuun ibsaniiru.
Tiraamp baatii Guraandhalaa keessa qoqqobbii bulchiinsi Baayiden duraanii gareewwan qubsiistota Israa’elii fi namoota dhuunfaa Weest Baankii keessatti jeequmsa Falasxiinota irratti hirmaatan jedhaman irratti kaa’e haqaniiru.
Manni murtii olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii bara darbe akka jedhetti, Israa’el naannoowwan waraana Baha Giddugaleessaa bara 1967tti qabatte, West Baankii dabalatee, seeraan ala ta’uu ibseera.
Israa’el gama isheen walitti dhufeenya macaafa qulqulluu fi seenaa lafa kanaan akkasumas fedhii nageenyaa kaasuun akka falmitu Rooyiters gabaaseera.

