Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaa keessatti waraanni impaayerattii qe’ee fi qabeenya maatii qabsaa’otaa ibiddaan barbadeessuu itti fufan

ONM-ABO Adoolessa 20, 2025 

Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Daraaraa Daalachaa keessaa Adoolessa 17, 2025 waraanni impaayera Itiyoophiyaa maqaa “abbaa warraa keetu bosona jira” jedhuun dubartii maqaan ishee Aadde Faayee Kushuu jedhamtu mana jireenyaa isheetti ibidda shiduun qabeenya hunda waliin jalaa barbadeessanii jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Aadde Faayeen nama nagaa siyaasa kam keessa hin jirree fi haadha ilmaan 2 yoo taatu, waraanni impaayerattii kunneen garuu dhimma ishee hin ilaallanneen yakkanii qe’ee fi qabeenya ishee barbadeessuun waqtii gannaa kanaan jireenya gadadoof saaxilanii deemuu dubbatu.

Dhala namaaf gara laafina tokkollee kan hin qabne ergamtoonni murna Bilxiginnaa, Waraana Bilisummaa Oromoo lolaan injifachuu yommuu dadhaban gara maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromootti deebi’uun duguuggaa sanyii irratti raawwachaa jiru.

Exit mobile version