Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Boosat keessatti waraanni impaayerattii hawaasa nagaa hidhaa jiraachuun himame

ONM-ABO Adoolessa 21, 2025 

Adooleessa 18, 2025 godina Baha Shaggar aanaa Booset magaalaa Doonii jedhamu keessatti hawaasa nagaa jireenya isaa injifachuuf olii fi gadi kaatu Waraana Bilisummaa Oromoo waliin walitti dhufeenya qabdu jechuun namootni hedduun qabanii hidhaa jiraachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.

Namoota hidhamanii jiran keessaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Nugusee Bokkol,
  2. Asheetuu Xaafaa,
  3. Lammaa Dajanee,
  4. Nagii Taaddasa fi 
  5. Aadde Obsee Haayiluu 

kanneen jedhaman yoo ta’an, namootni kunneen magaalicha keessatti hidhamuun doorsisaaf reebichi hamaan irra ga’aa jiraachuun ifoome.

Qaamni murnaan of ijaaruun hawaasa saamuu fi dararuu irratti bobba’ee jiru hawaasa Oromoos ta’e jiraattota impaayerattiif yaaddoo ta’uun jiraattonni yaaddoo fi sodaa hamaan liqimfamanii furmaata dhabuun jireenya abdii kutannaaf saaxilamuu dubbatu.

Exit mobile version