Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Bulluqitti hidhaan loltoota maafiyaa impaayerattiin jiraattota irratti raawwatamu jabaatee jiraachuun ifoome

ONM-ABO Adoolessa 24, 2025 

Aanaa Horroo Bulluq ganda Dachaa Caabir jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo dararuu kaayyoo taasifatan, Adoolessa 19, 2025 qonnaan bultoota maqaan isaanii:

  1. Tasfaayee Shibashii,
  2. Waaqjiraa Jagnee,
  3. Dirribaa Baqqalaa,
  4. Qanaatee Raggaasaa fi
  5. Gammee Tashaalee 

jedhaman badii tokko malee hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattonni gandichaa himanitti, qonnaan bultoonni kunneen badii tokkoo fi hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabne ta’uu himuun, “deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhamuun kan hidhaman ta’uu fi akkuma aanichaatti dararaan ergamtoota sirnichaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuu dubbatu.

Mootummoonni dhufaa darboo dabareen impaayerattii dulloomtuu jiguu geesse bulchan saba keenya hacuucaa hanga har’aa ga’an, diddaa uummata Oronmoo irraan kan ka’e barcumni aangoo isaanii jalaa sigigaachaa jiraachuu sodaa keessa galuun ilmaan Oromoo irratti addatti xiyyeeffachuun reebicha, saamicha, hidhaa, ajjeechaa fi gochoota gara jabinaa ulfaataa raawwachaa jiru.

Exit mobile version