Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Shanan Dhuuggootti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa “mana barumsaa Ifa Boruu isiniif ijaarra” jedhuun hawaasa irratti saamicha geggeessuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Adoolessa 24, 2025 

Godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo ganda Buraanaa jedhamutti jaleewwan Bilxiginnaa waggaa lama dura maqaa “mana barumsaa Ifa Boruu isiniif ijaarra” jedhuun uummata irraa qarshii 300,000 ol guuruun hanga ammaatti manni barumsaa hin ijaaramin jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Manni barnootaa kun ni ijaarama erga jedhamee waggoota lama lakkoofsisus hanga guyyaa har’aatti ijaaramuu dadhabuun isaa daran dhaloonni doofummaa keessatti akka kufuuf shoora olaanaa taphachaa kan jiru yoo ta’u, irra deddeebiin hawaasni qamoolee murna Bilxiginnaatti himus furmaata dhabuu dubbatu.

Akkuma Oromiyaatti gabaasaaleen adda addaa akka agarsiisutti xiyeeffannoon gareen Bilxiginnaa barnootaaf kenne gadi aanaa ta’uun barattootni miliyoonaa 3.2 barnootaan ala ta’anii jiru.

Gama biraan ammoo dinagdee impaayerattii tumsuuf jaleewwan isaa hunda bobbaasee ilmaan Oromoo akka barbaadan kan godhu  shiftichi Abiy Ahimed, maqaa ”bu’uuraalee misoomaa isiniif guunna” jedhuun qarshii gurguddaa saamee osoo hin xumuriniif uummata jalaa callisaa jiraachuun beekamaadha.

Exit mobile version