Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Rakkoo daandiin kan wal qabate balaa konkolaataa uummata mudataa jiruun lubbuun namoota nagaa darbaa jiraachuu jiraattootni godina Lixa Shaggar yaaddoo qaban ibsatan

ONM-ABO Adoolessa 24, 2025 

Erga Abiy Ahimed aangootti ol bahee kan durii caalaa nagaa kan dhabe uummanni Oromoo golewwan Oromiyaa cufa keessatti uummatni magaalaa fi gandoota baadiyyaa addaa addaa keessatti taajaajila hawaasaa kanneen akka  daandii, bishaan, ibsaa akkasumas taajaajila netwoorkii dabalatee tajaajiloota bu’uraa dhabuun ykn kan jiru dulloomuun suphiinsa dhabee rakkoo hamaaf saaxilamaa jiru irraa ka’uun jiraattotni lubbuu isaaniif yaaddoo horachuu ibsaa jiru.

Murni Bilxiginnaa impaayerattii bulchina ofiin jedhu waa’ee guddina ajaayibaa ‘Miracle” faarsaa kan oolu ta’us, faallaa isaa ammoo uummanni hanqina bu’uraalee misoomaa ykn qulqullina dhabuu isaaniin rakkatee wayita rakkoo hanga lubbuu gaaga’ee qabeenya mancaasuuf saaxilamutu mul’ata. Keessumaa rakkoon daandii guutuu Oromiyaa keessatti bal’aa ta’uu fi godina Lixa Shaggar aanaalee adda addaa keessatti irra deddeebiin sababa rakkoo daandiif balaa uumamuun yaaddoo qabaachuu jiraattotni godinichaa ibsaa jiru.

Osoo rakkoo daandiif qaama bulchaa jirutti iyyannuu kaleessa Adooleessa 23, 2025 aanaa Gindabarat magaalaa Kachisii irraa gara Ginciitti konkolaataan imaltoota fe’ee jiru tokko, sababa rakkoo daandii kanaan garagaluun  balaa hamaa mudateen lubbuun namoota battala darbuu fi namoonni 10 ol  miidhaa jabaan irra ga’uu kaasuun balaan uumamaa jiru dabalaa yoo deeme malee xiqqaachaa hin jiru jechuun himan. 

Rakkoo wal fakkaataan daandii sana irratti irra deddeebiin uumamus furmaatni hin argamne jechuun balaan kun miidhaa namaa fi qabeenya irraan ga’aa jiraachuu bulchiinsi abbaa irree kun waraanaan alatti kanatti waan xiyyeeffannoo kenne hin fakkaatu jedhu.

Balaan tiraafikaa kun Oromiyaa bakkeewwan garaagaraatti uumamaa jiraachuun kan beekamu yoo ta’u, Guraandhala 11Baha Wallagaa aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Ifa Biyyaa keessatti balaa walfakkaataa uumameen namootni 26 du’anii 42 madaa’anii turan.

Bara 2024 Guraandhala 28 gabaasa dhaabbanni oduu Chaayinaa Jiinuwaan baaseen baatii 6 keessatti qofa Itoophiyaa keessatti namoota 1,358 ajjeesuu gabaasee turuun ni yaadatama.

Exit mobile version