ONM-ABO Adoolessa 25, 2025
Aanaa Shanan Dhuuggoo Araddaa Abbaa Salaam ganda Randeettii jedhamtu keessatti Adoolessa 19, 2025 hidhattoonni sirnichaa maqaa milishaan qe’ee uummataatti duulan, nama maqaan isaa Abdulsalaam Durrii jedhamu maallaqa nuuf kenni ittiin jennaan hoggaa inni waan kaffaluuf dhabu, reebicha jabaa qaama laalessu irratti raawwatanii deemuun, yeroo ammaa kana uummanni achii fuudhee Hospitaala Magaalaa Cirootti yaalchisaa jiraachuu maddeen ONM’f ifoomsan.
Jaleewwan sirnichaa garaa isaaniif bitamuun gandichatti bobba’anii uummata hiraarsaa jiran kunneen maqaan isaanii:
- Ballaxaa Zanaabaa,
- Musxafaa Amad,
- Hajii Mahaammad,
- Mahaammad Bayyan,
- Ibraahim Ammee,
- Ahimeddiinii fi
- Damoo
kanneen jedhaman oggaa ta’an, jarreen kunneen yeroo garaa garaatti uummata harka qalleessa qawween doorsisuun hidhaa, saamaa, gudeedaa fi ajjeesaa akka jiran jiraattonni dabaluun addeessanii jiru.
Ergamtoonni abbaa irree impaayerattii kunneen akkuma guutuu Oromiyaatti barcuma nam-tokkee tiksuuf uummata guddaa saba Oromoo dararaa jiraachuun kan beekamuudha.

