ONM-ABO Adoolessa 26, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Tobbii Daallee Maacoo irraa Adoolessa 24, 2025 tiksitoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa nama maqaan isaa Obbo Saadiq Suleemaan jedhamu badii tokko malee mana jireenyaa isaa irraa qorqorroo baallee 80 uummata baasanii buqqisiisuun qabeenya manicha keessa jiru hunda waliin konkolaataa fe’umsaatti fe’achuun gara mooraa waraanaatti geeffatanii jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni jedhanitti Obbo Saadiq siyaasa kam keessa kan hin jirre ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun maatii isaa mana jireenyaa isaanii keessaa ari’uun gocha gara jabinaa kana irratti raawwachuu dubbatu.
Obbo Saadiq armaan duras badii seeraa tokko malee qaama mootummaa garboomfataa PP’n irra deddeebiidhaan adamfamaa kan ture ta’uunis dabalataan ibsameera.

