ONM-ABO Adoolessa 29, 2025
Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti torban darbe keessa waraanni impaayerattii barattuu maqaan ishee Biqiltuu Abbaayinee jedhamtu osoo isheen barnoota idilee xumurtee gara matiitti galaa jirtuu badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Barattuun kun bakki dhaloota ishee godina Lixa Wallaggaa aanaa Haaruu ganda Gooljaa Ganjii yoo ta’u, maqaa “suuraa WBO’tu bilbila kee keessa jira” jedhuun yakkanii waajjira poolisii magaalaa Naqamteetti guyyaa tokkoof erga hidhanii booda gara bakka dhaloota ishee geessuun waajjira poolisii aanaa Haaruutti hidhanii hiraarsaa jiraachuun beekameera.
Akka maddeen himanitti, shamarreen kun barnoota ishee hordofuu malee hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu dubbatu.

