ONM-ABO Adoolessa 30, 2025
Ergamtootni Bilxiginnaa Lixa Shaggar aanaa Iluu Galaan ganda Abakuu Aannoo keessaa lafa loon hawaasaa waggoota dheeraadhaaf irra dheedaa turan tibba kana ammoo fedha uummataa malee mootummaadhaaf qotamuu qaba jechuun jiraattota gandichaa dirqamaan baasanii qochisiisuuf wayita yaalanitti uummanni diduu irraan kan ka’e guutummaa jiraattota gandichaa irratti dararaa garaa garaa raaawwachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka jiraattonni jedhanitti, nuti loon keenyaan alatti jireenya hin qabnu, qaala’iinsa jireenyaa yeroo ammaa kana impaayerattii mudatee jiruun jireenya harkaa gara afaanii wayita jiraachaa jirrutti waan ittoo ta’uu fi fi zayita nyaataa bitannu hin qabnu dhadhaa fi aannan loon keenyaa akkasumas, qotiyyoo gabbifnee ilmaan keenya guddifanna, haa ta’u malee kaloo loon keenya itti bobbaafannu afaan qawwee nutti qabanii qotuun daba gara jabina daangaa hin qabneedha waan ta’eef rakkoo nuti keessa jirru ulfaataadha jechuun miira gaddaan ibsataniiru.
Dabalataanis gandichuma keessaa Adoolessa 28, 2025 ergamtoonni sirnichaa haadha Hiyyeessaa nama maqaan ishee Aadde Xaaloo Morkaa jedhamtu akka isheen ganamaa fi galgala milishootaaf biddeen dhiyeessituuf dirqamsiisuu fi wayita isheen ani ofiifuu waanan nyaadhee bulu hin qabu maaloo na dhiisaa jettutti ammoo manuma jireenyaa ishee keessaa ariyuun gara aanaa Iluu Galaanitti godaansisuu jiraattonni gandichaa daba jaleewwan PP’ kana ijaan argan himaniiru.
Gochoota hammeenyummaa kana namni adda durummaan jiraattota gandichaa irratti raawwachiisaa jiru bulchaa gandichaa kan ta’e nama maqaan isaa Dhinsaa Caalii jedhamu akka ta’ee fi namoota inni of jala hiriirsisee hawaasa nagaa hiraarsisaa jiru biroon ammoo nama sanyiin isaa Amaara ta’e ajajaa milishaa gandichaa kan maqaan isaa Afawarq Haayiluu jedhamuu fi fakkaattota isaa akka ta’an maddeen itti dabaluun eeranii jiru.

