ONM-ABO Adoolessa 31, 2025
Loltoonni murna abbaa irree Bilxiginnaa dantaa sabaa caalaa waa’ee dhimma dhuunfaa isaanii jala goruu fi garaa isaanii qofaaf bitamuun maqaa adda addaa da’eeffatanii hawaasa Oromoo irratti dararaa raawwatan garmalee jabeessuun, magaalaa Jimmaatti jaleewwan Bilxiginnaa tortoraa impaayera jiguu geesse utubuuf garmalee ifaajan, torban darbe irraa eegaluun bifa duraan baratameen addatti maqaa “Waraana Bilisummaa Oromootu godina keenya seene” jedhuun magaalicha hunda keessa deemuun sakkata’insa hamaa taasisaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, nama waraqaa eenyummaa hin qabnetti maqaa adda addaa maxxansuun dararaa fedhan irratti raawwataa jiraachuu himuun, imaltoota bakka biroo irraa magaalicha siree kireeffatanii bulan “deggeraa Waraana Bilisummaa Oromooti; Waraana Bilisummaa Oromootu haala as keessa jiru akka qorattuuf si erge” jechuun nama dhimma dhuunfaa fi hojii idilee isaaf imala irra jiru doorsisaa, reebaa fi hidhaatti darbatanii dararaa akka jiran dubbatu.
Kana malees, loltoonni impaayerattii tiksuuf dhama’an kanneen poolisii Federaalaa jedhamuun waamaman, jiraattota hunda waraqaa eenyummaa gaafachuu fi namoota godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa garas imalanii fi hojiin achi jiran sababa bakka birootii dhufan qofaaf doorsisuu kan aadefatan ta’uun dabalataan ibsamee jira.

