ONM-ABO Adoolessa 31, 2025
Ergamtootni bulchiinsa abbaa irree impaayerattii gochoota hammeenyaa uummata Oromoo irratti raawwatan jabeessuun, Adoolessa 28, 2025 aanaa Meettaa Roobii ganda Warqee Waleensuu keessaa yakka tokko malee manneen uummataa qabeenya keessa jiru cufa waliin gubanii barbadeessuu fi horiis saamanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’f addeessanii jiru.
Namoonni manaa fi qabeenyaa isaanii waraana faashistii pp’n dhaban:
- Darajjee Dibaabaa jalaa mana jireenyaa isaa mi’a keessa jiru tokko osoo hin hambisin gubanii barbadeessuun, sangaa tokko jalaa fudhatanii yoo deeman,
- Abbabaa Dirribaa kan jedhamu jalaas mana isaa qabeenya keessa jiru cufa waliin gubanii mancaasuu jiraattotni dabaluun ifoomsanii jiru.
Kuufama cubbuu fi diina lubbuu ilmaan Oromoo kan taate impaayera Itiyoophiyaa suphuuf jecha guyyuu irree isaanii uummata nagaa irratti mul’ifachaa kan oolan, shiftoonni murna pp goleelee Oromiyaa cufa keessatti bobba’uun jiruu fi jireenya uummata nagaa balleessaa jiraachuun kan mul’atuudha.

