• Fri. Mar 13th, 2026

Lixa Shaggar Aanaa Meettaa Roobii keessatti ergamtoonni murna PP saamicha qabeenyaa fi manneen uummataa irratti gubaatii raawwachuun ifoome

Jul 31, 2025

ONM-ABO Adoolessa 31, 2025 

Ergamtootni bulchiinsa abbaa irree impaayerattii gochoota hammeenyaa uummata Oromoo irratti raawwatan jabeessuun, Adoolessa 28, 2025 aanaa Meettaa Roobii ganda Warqee Waleensuu keessaa yakka tokko malee manneen uummataa qabeenya keessa jiru cufa waliin gubanii barbadeessuu fi horiis saamanii deemuu jiraattonni gandichaa ONM’f addeessanii jiru.

Namoonni manaa fi qabeenyaa isaanii waraana faashistii pp’n dhaban: 

  1. Darajjee Dibaabaa jalaa mana jireenyaa isaa mi’a keessa jiru tokko osoo hin hambisin gubanii barbadeessuun, sangaa tokko jalaa fudhatanii yoo deeman, 
  2. Abbabaa Dirribaa kan jedhamu jalaas mana isaa qabeenya keessa jiru cufa waliin gubanii mancaasuu jiraattotni dabaluun ifoomsanii jiru.

Kuufama cubbuu fi diina lubbuu ilmaan Oromoo kan taate impaayera Itiyoophiyaa suphuuf jecha guyyuu irree isaanii uummata nagaa irratti mul’ifachaa kan oolan, shiftoonni murna pp goleelee Oromiyaa cufa keessatti bobba’uun jiruu fi jireenya uummata nagaa balleessaa jiraachuun kan mul’atuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading