Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Sibuu Sireetti lafti uummata harkaa fuudhamuun milishootaaf kennamaa jiraachuu jiraataan onichaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eere

ONM-ABO Hagayya 3, 2025 

Aanaa Sibuu Siree ganda Burqaa Xaaloo keessatti lafa uummatni baroota dheeraaf waloon irra qotatee jiraatu lukkeeleen Bilxiginnaa humnaa fi aangoo of-harkaa qabanitti dhimma ba’uun harkaa fuudhuun milishoota sirnichaaf akka oolfamuuf jiraattota irratti ajaja dabarsuun dhaga’ame.

Weerarri lafa qonnaan bultootaa kunis bifa addaan torban kana keessa adeemsifamaa jiraachuu kan himan jiraattonni, namni kamiyyuu ooyiruu dhuunfaa isaa keessatti yoo argame ajjeefamuu, hidhamuu fi dararaan irratti akka raawwatamuuf sodaachisni adda addaa bifa qinda’aan geggeeffamaa jiraachuus itti dabaluun dubbatu.

Lafti uummataa humnoota Bilxiginnaan fuudhame kunis Wiixata dhufu irraa eegalee hawaasuma harkaa fuudhameen qotamee garee milishootaaf dabaree-dabareen uummanni hojjetee akka galchuuf dirqamni irratti kennamee kan jiru oggaa ta’u, namoonni misooma kana irratti hin argamnes adabni hidhaa fi ajjeechaa akka irratti raawwatuuf murna kanaan hawaasa irratti darbee akka jirus itti dabaluun himeera.

Exit mobile version