Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qondaalaa keessatti hidhattoonni Bilxiginnaa sadii WBO’tti harka kennatan

ONM-ABO Hagayya 4, 2025 

Lixa Wallaaggaa aanaa Qondaalaa ganda Liqixii jedhamu irraa Hagayyaa 2, 2025 loltuun Bilxiginnaa raayyaa ittisa biyyaa tokko mooraa sirnichaa ganuun qawwee AKM turkii 1 hidhannoo guutuu waliin mooraa diinaa keessaa qabatee ba’uun WBO onicha keessa socho’utti harka kennatee jira. 

Aanaadhuma kana ganda Guunfii Gabaa Kamisaa jedhamu irraa Hagayyaa. 3 hidhattooni sirnichaa Farra Ribee Lolaa jedhaman  lama: 

mooraa sirnichaa ganuun WBO naanicha keessa socho’utti harka kennachuu hoogansi WBO naannichaa beeksise.

Hidhatoonii sirnichaa mooraa diinaa kana ganuun WBO’tti harka kennatan simannaa Waraanni Bilisummaa Oromoo isaaniif taassisetti hedduu akka gammadan ibsuun, hidhattoota ilmaan Oromoo ta’anii mooraa diinaa keessatti hafaniin yeroon isin qawwee keessan qabattanii gara qabsoo bilisummaa Oromoo ABO-WBO’n geggeefamaa jiruutti makamuun harqoota gabrummaa saba keenya irraa jigsinu amma waan ta’eef osoo yeroon jiruu kottaa WBO waliin hiriiraa jechuun waamicha taasisaniiruuf.

Exit mobile version