Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Harargee Aanaa Cirootti loltootni raayyaa ittisa impaayerattii dargaggoo ganna 25 tokko ajjeesuun awwaalcha yoo dhorkan, abbaa isaa ammoo hidhanii garmalee reebaa jiraachuun barame 

ONM-ABO Hagayya 6, 2025 

Gareen mirga ajjeesuu qofa gonfamuun Koloneel Abiy Ahimediin guutuu Oromiyaa keessatti bobbaafaman gaaffii seeraa tokko malee dhiiga qulqullootaa dhangalaasuu ittuma fufuun, Lixa Harargee aanaa Ciroo araddaa Luugoo ganda Laga Damaa jedhamutti Adoolessa 28, 2025 loltootni raayyaa ittisa impaayerattii ofiin jedhan dargaggoo maqaan isaa Obsaa Muummee Abdii jedhamu kan umriin isaa ganna 25 ta’e guyyaa irraa toora sa’a 9:00’tti badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii hawaasni naannoo reeffa isaa kaasanii akka hin awwaalle dhorkanii turuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Dargaggoo Obsaan hawaasa naannichaa biratti nama amala gaarii qabu ta’uu fi deggaraa paartii dhaaba siyaasaa kamiiyyuu akka hin taane jiraattotni gandichaa dubbisne himaniiru. Dargaggoon kun erga bultii ijaarratee baatii muraasaadha.  

Gara jabeeyyiin loltoota Koloneel Abiy Ahimed kun yeroodhuma dargaggoo kana ajjeesanii gatan, abbaa dargaggoo kanaa jaarsa biyyaa umriin isaa ganna 50 ol ta’e maqaan isaanii Obbo Muummee Abdii jedhamu qabanii reebicha ulfaataa irratti raawwachuun ilma isaanii ofii fi maatii isaa jijjiiruuf gara biyya ambaa imalee jiru ilmi kee bosona jiraa fidi ittiin jechuun maanguddoo kana hidhanii mana hidhichaa keessattis reebicha suukkanneessaa irraan ga’aa kan jiran ta’uu fi maatii maanguddoo kanaa hafanis doorsisaa jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa jiraattota onichaa irraa qululleeffateera.

Exit mobile version