Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ministeerri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis, Dhiittaan Mirga Dhala Namaa Abiy Ahmediin Raawwatamu Saaxile (Ibsa ABO-WBO)

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) qabiinsa mirgoota namoomaa ilaalchisee Gabaasni Ministeerri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis baase simata. Gabaasichi dhugaa ummanni keenya waggoota torban darban keessa jiraate, kan mirkaneesse. Kunis: shororkeessummaa sirnichaa, gocha gara jabinaa sirnichi qindeessuu, fi badii gaafatama tokko malee raawwatamu.

Gabaasa Ameerikaa kana keessatti gochi Abiy Ahmed ifaan saaxilame:-

Ajjeechaa seeraan ala namoota nagaa irratti raawwatamu — baayeen isaa ajjeecha seer-malee Raayyaan Ittisa Biyyoolessaa Itoophiyaa (ENDF) jiraattotatti marsee qabee adeemsa seeraa tokko malee akka ajjeese.

Ajjeechaa addatti hoggantoota irratti raawwatamu—hoggantoota amantii, hooggansa mormitootaa fi namoota nagaa meeshaa waraanaa hin qabnerratti fuulleffate itti yaadamee raawwatame.

Haleellaa jumlaa dirooniidhaan bu’uuraalee tajaajila siiviilii irratti raawwatamu— haleellaawwan barsiisota, manneen barnootaa fi jiraattota ajjeesan, dhaabbilee siivilii akkaan barbaachisoo barbadeessan, fi itti yaaduudhaan namoota loltoota/hidhattoota hin taane irratti xiyyeeffate dabalatee bu’uraalee tajaajilarratti raawwatameera.

Dararaa sirnichaa manneen hidhaa keessatti — reebicha shiboo elektirikaatiin godhamu, laastika barbarreen guutame keessa galchuun nama ukkaamsuu, nyaataa fi bishaan dhowwachuu, fi yeroo dheeraaf osoo namaan wal hin argine dhoksaatti hidhuun raawwatamaa ture.

Hidhaa Jumlaa — namoota nagaa kumaatamaan lakkaaaman irratti himannaa ykn murtii seeraa tokko malee, yeroo baayee bakka hin beekamnetti lammiileerratti raawwatame.

Dirqiin Dhabamsiisuun — aktivistoota, gaazexeessitoota, fi hoggantoota hawaasaa irratti kan raawwatamu yoo tahu kunis butuun ykn humnaan qabuudhaan eessa akka jiran maatii jalaa dhokfamee, faana balleessuun akka raawwatamu.

Bilisummaa pireesii ukkaamsuu — dararaa, hidhaa, fi dirqamanii akka biyyarraa baqatan taasisuudhaan gaazexeessitoota, artistoota, fi falmitoota mirgoota namoomaa sirnicha qeeqan ukkaamsuu.

Bilisummaa bu’uuraa ugguruu — interneetii cufuu, karaa nagaa walga’uu dhorkuu, fi hammeenya mootummaan raawwatuuf haguuggi kennuuf jecha gabaasni walabaa hin taasifamne daangessu dabalatee bilisummaawwan bu’uraa ugguruu.

Qargaarsa namoomaa akka meeshaa lolaatti itti dhimma bahuu— itti yaadanii dhaabbilee yaalaa irratti xiyyeeffachuu, hojjettoota eegumsa fayyaa dararuu fi haleeluu, akkasumas bakkoonni walitti bu’iinsan miidhaman akka hin yaalamne dhorkuu, fi kanneen biroo Oromiyaa fi kutaalee biyyatti hundatti daran hammeessuu. Gabaasa kana keessatti qabxiiwwan muraasa maqaa WBOn walqabsiifamanii ka’an ilaalchisee, WBOn kanneen armaan gadii hubachiisuu fedha:

(a) qorannoowwan walabaa amanamoo ta’an — kanneen armaan dura Rooyitarsii (Reuters) fi Ze Washingiton Poostin (WP) gaggeeffaman dabalatee — yakkoonni himannaan ittiin WBO himatamu, takkaawuu kallattumaan sirnichaan kan raawwatamaa turan tahuu yookaan ammo “Shanee” sirnichi tolfatee ittiin sochii keenya xureessuuf itti dhimma bahuun akka raawwataman agarsiisanii jiru. Kun qorannoo midiyalee walabaa addunyaan kan mirkanaahe.

(b) WBOn himannaa isarratti dhiyaatu hundarratti qorannoon bilisa kan sadarkaa idiladdunyaatti gaafatama qabu yayyabamee, akka qulqullaa’uuf tumsa barbaachisu kamuu gochuuf fedhii guutuu akka qabu, akkuma yeroo hunda ibsaa ture — ammas irra deebiin ibsa. Qorannoo walabaa kan danqu Abiy Ahmedi.

Argannoowwan gabaasa kanaa hordofee, waamichi WBOn Mootummaa Ameerikaaf taasisu: (a) deeggarsa karaa hariiroo gam-lamee fi hariirota dhaabbilee Idil Addunyaa kan akka IMF/WB, taasifamu dabalatee, kan sirnichaaf godhu akka dhaabuu fi (b) biyyattii gara nagaa, dimokiraasii fi biyya itti gaafatamummaan hoogganmtutti ceesisuuf mormitoonni filannoo amanamaa fi filatamaa tahanii bahaan waan jiraniif, humnoota mormitoota waliin marii dhugaa akka calqabu gaafanna.

Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO

Hagayya 13, 2025

Exit mobile version