Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota hidhaatti darbachuu hammeessan 

ONM-ABO Hagayya 20, 2025 

Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda 01 keessaa waraanni goolessituun PP Hagayya 14, 2025 namoota maqaan isaanii: 

  1. Saassib Abbaa Jihaad fi 
  2. Haamzaa Saassib 

kanneen jedhaman badii seeraa tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen siyaasa kam keessa kan hin jirree fi sababa “mucaa keessan fiduu qabdu” jedhuun hidhamanii dararamaa jiraachuu dubbatu.

Shiftoonni waraana Bilxiginnaa umrii aangoo koloneel Abiy Ahimediin dheeressuuf jecha goleewwan Oromiyaa maratti bobba’an yeroo gara yerootti sarbamiinsa mirga namoomaa ilmaan Oromoo irratti raawwachuu hammeessanii kan jiran ta’uun ni beekama.

Exit mobile version