Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Boojjii Birmajjiitti waraanni faashistii PP qabeenya uummataa saamuu jiraattotni himan

ONM-ABO Hagayya 29, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Boojjii Birmajjii ganda Darroo Diimtuu jedhamutti Waraanni faashistii PP Hagayya 27, 2025 loon uummataa baay’inaan 50 ta’u fudhatanii gara mooraa waraana isaaniitti ooffachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka jiraattotni himanitti, qabeenyi saamame kun kan uummata nagaa yoo ta’u, waraanni PP garuu qabeenya WBO’ti jechuun saamanii deemuu dubbatu.

Murni Bilxiginnaa maqaa garaa garaa uummata nagaatti moggaasuun badii tokko malee ajjeesuu, saamuu fi hidhuu raawwachuun uummata Oromootti jiruu fi jireenya hadheessaa jiraachuun waan baratameedha.

Exit mobile version