ONM-ABO Fulbaana 6, 2025
Murni Bilxiginnaa kan abbaa irrummaan beekamu uummata Oromoo jumlaan fedhii malee qe’ee isaa keessaa humnaan butuun adda waraanaatti ergee barcuma aangoo ittiin tikfachaa jiru Baha Shaggar aanaa Fantaallee ganda Gidaaraa fi Xuuxxisiitti Fulbaana 4, 2025 walitti dhukaasuun diigamaa jiraachuu isaa maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Haaluma kanaan bulchiinsa abbaa irree Bilxiginnaa jibbuudhaan milishoonni sirnichaa dirqama raayyaan ittisa biyyaa humnaan itti kennuun uummata Oromoo dararuuf kan kaabinoonni karoorsite diduudhaan afaan qawwee murna Bilxiginnaa hafanitti garagalchuun walitti dhukaasaniiru.
Kana irraa ka’uudhaan caasaan murna Bilxiginnaa walii isaanii shakkuudhaan wal eegaa akka jiran odeessi achi irraa arganne ni addeessa. Haaluma kanaan kaabinee maqaan isaa Obbo Waaqoo Daargee jedhamu battaluma sana humna raayyaa ittisa biyyaa kan qabeenya ilmaan Oromoo saamuu fi qe’ee Oromoo gubuudhaan beekamuun hidhaatti darbatamee jiraachuu isaa maddeen ni ibsu. Haalli kun bitaa itti galuudhaan murni Bilxiginnaa waan qabanii fi dhiisan walii wallaaluun caasaan humnaan ijaarame diigamaa jiraachuun yaaddoo guddaa itti uumee akka jiru maddeen itti dhiyoo jiran ni himu.

