Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni Bilxiginna Arsii Bahaa Aanaa Siree keessatti manneen uummataa jumlaan gubuu hammeessuun dhaga’ame 

ONM-ABO Fulbaana 6, 2025 

Godina Arsii Bahaa aanaa Siree ganda Aleeluu Gazalaa jedhamu keessatti Fulbaana 3, 2025 shiftoonni koloneel Abiy Ahimed maqaa hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun manneen hawaasaa qabeenya guutuu waliin jumlaan gubanii barbadeessuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru.

Namoota manaa fi qabeenyi isaanii hidhattoota kanneeniin jalaa barbadaa’e keessaa muraasni maqaa arganne:

  1. Aliyyii Gaboo,
  2. Naasir Hajjii, 
  3. Dureessaa Nashoo, 
  4. Hasan Hajjii,
  5. Gabii Bashiroo, 
  6. Xaahir Nashoo,
  7. Arabaa Tamaam, 
  8. Ziiraa Mahaammad, 
  9. Uzulee Sheek Mahaammad, 
  10. Bakar Amaan, 
  11. Kiisuu Usumaan, 
  12. Maazaa Huseen, 
  13. Tuujii Abbaayyee,
  14. Abdurhamaan Ahimad, 
  15. Makkoo Abdoo, 
  16. Qaadii Jiddaa, 
  17. Habiib Yaasiin fi 
  18. Abdulaxiif kanneen jedhaman ta’uun ifoomeera.

Gandicha keessatti hidhattoonni sirna-dhableeyyiin impaayerattii kunneen hawaasa nagaatti bobba’uun gaaffii seeraa tokko malee uummata reebuu fi qabeenya argan hundas hawaasa harkaa saamaa jiraachuu jiraattonni dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Akka jiraattonni gandichaa jedhanitti namootni mancaatiin qabeenyaa fi gubaatii manneenii irratti raawwatame kunneen qonnaan bultoota hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’anii jiruu fi jireenya isaanii fooyyeffachuuf akkasumas maatii isaanii guddifachuuf carraaqan malee hirmaattota dhaaba siyaasaa kamiiyyuu kan hin taane oggaa ta’an, ergamtoonni Bilxiginnaa garuu sababa Waraanni Bilisummaa Oromoo naannicha keessa socho’uuf jecha ija shakkiin yakkoota gara jabinaa irratti raawwachuu dubbatu.

Exit mobile version