Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Bulluqitti barattootni sababa qarshii guddaa gaafatamaniif akka itti barnoota eegalan dhabuun ifoome

ONM-ABO Fulbaana 16, 2025 

Hawaasa ofiifuu qaala’insa jireenyaa fi kaffaltii gosa adda addaan miidhamee jiru ammas itti dabalanii saamuuf karoora haaraa bocatanii kan as ba’an ergamtootni Bilxiginnaa, barattootatti illee kaffaltii guddisuun barnoota dhabsiisaa jiraachuun barameera.

Haaluma kanaan, aanaa Horroo Bulluqitti itti gaafatamaan waajjira Barnootaa kaabineen maqaan isaa Silashii Deesoo jedhamu ergama qaama isaa olii fudhachuun manneen barnootaa sadarkaa 1’ffaa fi sadarkaa 2’ffaa jiran irratti gatii galmee humnaa ol dabaluun barattoonni harka waan fidanii kaffalanii galmaa’an dhabuun rakkataa jiraachuu maatiin barattootaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Aanaan kun gandoota 12 kan qabdu yoo taatu, bara barnoota Habashaa 2018’tti:

  1. Gatii galmeef qarshii 250,
  2. Gatii ragaa dhalootaaf qarshii 212,
  3. Gatii buusaa gonofaa fi 

maqaa adda addaa itti dhahuun barattoota irratti saamicha ulfaataa raawwachaa waan jiraniif, maatiin waan kaffalanii galmeessan mitiitii, waan ittiin dabtara bitaniifiyyuu dhabanii callisanii taa’aa jiraachuun ifoomee jira. 

Oromiyaa keessattis ta’e akka guutuu impaayerattiitti maqaa qulqullina barnootaa jedhuun barattoota akkasiin maatiin waan qabu itti baasee barsiifatu kuffisuu irratti kan argaman yoo ta’u, bara kanas akka guutuu impaayerattiitti gabaasa ministeerri barnootaa Biraanuu Juulaa baaseen barattootni %8.4 qofti darbuu ibsee jira.

Dargaggoota impaayerattii irratti daldala siyaasaa geggeessaa kan jiru Abiy Ahimed biiroo Biraanuu Naggaan kuffisee akka carraa hojiitti waraanummaa leenji’uu biiroo Biraanuu Juulaan fudhatee lubbuu isaaniin barcuma siyaasaa isaa tikfachuuf hojjechaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version