Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horro Guduruu Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Shaambuu irraa loltoonni faashistii PP maatii qabsaa’otaa hidhaatti darbachuu hammeessan

ONM-ABO Fulbaana 17, 2025 

Lola Waraana Bilisummaa Oromoo waliin taasisaniif qaama lolatti hirmaachaa hin jirretti haaloo ba’uu kan baratan Bilxiginnaan, maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo hidhaatti guuruu itti fufuun, bulchiinsa magaalaa Shaambuu irraa torban darbe keessa namoota maqaan isaanii:

  1. Galaanee Biqilaa,
  2. Siccaalee Biqilaa,
  3. Seenaa Biqilaa fi 
  4. Aadde Dagattee Fayisaa 

namoota jedhaman sababa tokko malee hidhaatti darbachuu jiraattonni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Galaanee, Siccaalee fi Seenaan obboleewwan yoo ta’an, Aadde Dagatteen immoo haadha isaanii kan taatee fi hirmaannaa siyaasaa kam keessaa bilisa ta’anii osoo jiranii dararaa hamaa argaa jiraachuun eeramee jira.

Namoonni kunneen, sababa ilmi isaanii Waraana Bilisummaa Oromoo ta’eef  qofa kan hidhaman yoo ta’u, lukkeeleen Bilxiginnaa ”hanga ilma keessan bosonaa galchitanitti hin baatan” jechuun itti dhaadachaa jiraachuun ibsamee jira.

Exit mobile version