ONM-ABO Fulbaana 19, 2025
Godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Waamaa Kuraa jedhamu keessatti Fulbaana 17, 2025 waraanni PP dargaggoo maqaan isaa Naatoo Surraa jedhamu badii tokko malee hidhuun hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Akka maddeen himanitti, dargaggoo Naatoon badii qabaateef osoo hin taane maqaa ati “seelii WBO’ti ” jedhu itti maxxxansuun yakkanii hiraarsaa jiraachuu maddeen dubbatu.
Aanaa Jimmaa Arjoo gandoota garaa garaa keessatti dhiittaan mirga namoomaa waraana pp’n akkaan hammaachuun uummatni roorroo fi gidiraa hamtuuf saaxilamuu jiraattotni dubbatu.
Waraanni PP bakkeewwan bobbaafaman cufatti yakkoota garaa garaa afaan qawween raawwachuu itti fufuun gaaga’ama lubbuu fi qabeenyaa geessisuu, namoota nagaa hedduus hidhanii hiraarsuun rakkoo fi gidiraa hamtuuf saaxilaa jiraachuun ni beekama.

