Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Dhidheessaatti jaleewwan Bilxiginnaa hawaasa gidirsaa jiraachuun himame

ONM-ABO Fulbaana 22, 2025 

Humnaa fi waraana qaban hunda  fayyadamuun hawaasa Oromoo gama danda’aniin mogolee laaffisanii cabsuu kan amaleeffatanii fi itti gammadan lukkeeleen Bilxiginnaa, kutaalee Oromiyaa cufa keessatti akkuma argan bobbaafamuun hawaasa dararuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan godina Buunnoo Beddellee aanaa Dhidheessaa irraa jaleewwan Bilxiginnaa milishoota gandoota 6 irraa walitti qabuun ganda Burqaa Jaalalaatti geessanii, uummanni akka dirqamaan nyaachisee obaasuuf torban tokko guutuuf uummata gidirsaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Lukkeeleen Bilxiginnaa hawaasa hiraarsuu kaayyoo jalqabaa taasifatanii bobba’an kunneen, hawaasa ofiifuu jireenya harkaa gara afaanii jiraachuuf illee baay’ee rakkatee fala dhabe dirqamsiisuun nyaataa fi dhugaatii fedhan humnaan ajajachaa jiraachuun ifoomeera.

Exit mobile version