Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Shanan Dhugoo keessatti saamichi hawaasa nagaa irratti murna Bilxiginnaan geggeeffamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Fulbaana 26, 2025 

Sababoota sobaa garaa garaa tarreessuun uummata harka qalleeyyii irratti saamicha geggeessaa kan oolan murni maafiyaan PP Fulbaana 21, 2025 godina Lixa Harargee aanaa Shanan Dhugoo araddaa Gabbis keessatti maqaa gibira jedhuun tokkoon tokkoon qonnaan bultootaa irraa qarshii kuma digdamii shan shan dirqamaan saamaa kan jiran yoo ta’u, maqaa deggarsa kitaaba Abiy Ahimed jedhuun ammoo konkolaachistoota doqdoqqee irraa immoo qarshii kuma tokkoof dhibba shan shan fuuchaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Qonnaan bultoota maqaa gibiraan saamichi irratti raawwate keessaa kanneen maqaan isaanii nu qaqqabe:

  1. Abdallaa Muusaa, 
  2. Jamaal Huseen,
  3. Husseen Mohaammadii fi 

kanneen maqaan isaanii hin eeramne biroo hedduu yoo ta’an, konkolaachistoota doqdoqqee maqaa deggarsa Abiy Ahimed jedhuun saamichi irratti raawwate keessaa kanneen maqaa isaanii arganne:

  1. Abdii Sheeyibii,
  2. Gurmeessaa Haamidii fi
  3. Mohaammad Qaasim kanneen jedhaman ta’uun eerameera.

Akka maddeen himanitti, namoonni saamichi kun irratti geggeeffame kunneen irra guddeessi qonnaan bultoota yoo ta’an; galiin isaan qonna irraa argatan hanga gibira gaafataman kanaa akka hin geenye ta’uu himuun, maqaa deggarsa kitaaba  Abiy Ahimed jedhuun naga’ee tokko malee dirqamaan saamichi konkolaachistoota doqdoqqee kana irratti geggeeffamaa jiru immoo inumaayyuu waan takkaa raawwatee hin beeknee fi nama qaanessuudha jechuunis dubbatu.

Murni kufaatii impaayerattii mudachaa jiruuf waan qabee gadi lakkisu wallaaluudhaan duula saamichaa uummata Oromoo irratti banee jiru Bilxiginnaan, guutuu Oromiyaa keessatti gochawwan akkasii jabeessee jiraachuun kan beekamuudha.

Exit mobile version